Filannoon miseensota mana maree Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Amajjii 25, 2017 (FMC) – Filannoon miseensota mana maree Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan damee Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa paartichaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan ibsan.
Paartichi Amajjii 23, 2017 eegalee Yaa’ii Idilee 2ffaa taa’aa jira.
Oolmaasaa guyyaa 3ffaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kan kennaan Dooktar Biqilaan,har’a ganamaa eegalee filannoon hoggantootaa gaggeeffamaa ooluu ibsaniiru.
Haaluma kanaan waaree dura Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii taasisuun yoo filatu, Obbo Tamasgeen Xirunaa fi Obbo Adam Faaraahi ammoo Itti Aantootaan filatamuu dubbataniiru.
Yeroo ammaa filannoon miseensota mana maree paartii raawwatamaa jiraachuu kaasaniiru.
Akkaataa dambii bulchiinsa paartichaa haaraan gurmaa’insi kana dura Koree Giddugaleessaa jedhamuun beekamu amma mana maree jedhamuu eeraniiru.
Filannichi hirmaachisaa, bilisaa, Diimookiraatawaa fi kutaalee hawaasaa hundi haala hammateen adeemsii kaadhimamaa eeruu raawwatamaa jiraachuu dubbataniiru.
Yeroo muraasan booda bu’aan filannoo ummataaf ni ifooma jedhan.
#0romiyaa #Ethiopia