Finfinneetti Afaanota 3’n Leenjiin eeyyama Konkolaachisaa kennamuufi
Finfinnee, Ebla 13, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti Afaan Oromoo, Afaan Tigree fi Somaaleen Leenjiin eeyyama Konkolaachisaa akka kennamu eeyyamamuu Abbaan Taayitaa To’annoo eeyyama Konkolaataa fi Konkolaachiisa magaalichaa beeksiise.
Tajaajila abbaan taayitchaa kennaa jiru keessaa tokko eeyyama Konkolaachisaa yoo ta’u, leenjii fi qorammaanni Konkolaachisaa Afaan Amaaraa qofaan kennamaa turuu ibseera.
Afaan dhalootaan leenjii fi qormaanni yoo kenname bu’aa caalu galmeessuu akka danda’an maamiltoonni bara dheeraaf gaafachaa turu ragaan abbaa taayitichaarraa argame ni mul’isa.
Gaaffiin dhiyaataa ture amansiisaa ta’uu hordofee qophiin hojii Kaariikumaa xumuramuun leenjichi Afaanota 3 akka kennamu murtaa’uu ibseera.
Dhaabbilee leenjii 137 keessatti Afaan Amaaraa dabalatee Afaan Oromoo, Tigree fi Somaaleen Leenjiin eeyyama Konkolaachisaa akka kennamu eeyamamuu eereera.
Ammatti dhaabbilee moodeela ta’an 12’f eeyyamni kennamuu himeera.
#Oromia #Ethiopia