Finfinneetti konkolaattota lakkoofsa gabatee hinmul’anne maxxanfatan irratti tarkaanfiin fudhatamuufi
Finfinnee, Guraandhala 13, 2017 (FMC)- Magaalaa Finfinneetti konkolaattota lakkoofsa gabatee hinmul’anne maxxanfatan irratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamuu Poolisiin Magaalattii beeksise.
Magaalattiitti lakkoofsi gabaatee konkolaattotaa hinmul’anne balaa tiraafikaa fi yakkaaf yaaddoo ta’aa dhufuu eereera.
Konkolaattota lakkoofsi gabaatee isaanii hinmul’annee irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraatus rakkoo jiru sadarkaa barbaadamuun furuu akka hindandeenye ibsameera.
Qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindaa’uun hordoffii fi to’annoo cimaa taasisaa jiraachuus beeksiseera.
Dambii lakkoofsa 557/2016 dhiyeenya hojiirra ooleen konkolaattota lakkoofsa gabatee hinmul’anne maxxanfatan, balleessaa jalqabaan Birrii kuma 1 fi 500 kan adabsiisu ta’uun ragga’eera.
Haaluma kanaan Guraandhala 16, 2017 irraa eegalee konkolaattota lakkoofsi gabatee isaanii hinmul’anne maxxanfachuun socho’anirratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu hubachiiseera.
#Oromia #Ethiopia