Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti Raayyaan Nageenyaa marsaa 2ffaaf eebbifaman

Finfinnee, Amajjii 9, 2017 (FMC)- Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee miseensota Raayyaa Nageenyaa marsaa 2ffaaf leenjisaa ture eebbisiiseera.
Hoggantuun Biirichaa Aadde Liidiyaa Girmaan akka jedhanitti, eebbifamtoonni walitti dhiyaachuu, ajandaa waloo irratti waliigalteerra ga’uu, obbolummaa fi tokkummaa ummatootaa cimsuu irratti kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Eebbifamtoonnis hojiilee nageenya mirkaneessuu irratti itti gaafatama isaanii ga’umsaan akka bahatan hubachiisaniiru.
Komishinarri Koomishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaawu, eebbifamtoonni Ayyaanni Cuuphaa dhufu rakkoo nageenyaa malee kabajamee akka xumuramuuf dhaabbileen nageenyaa qindoominaan akka hojjetan gaafataniiru.
Raayyaan nageenyaas hojiilee misoomaa Bulchiinsa Magaalattiitti hojjetamaa jiran eeguu akka qaban hubachiisuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.