Fana: At a Speed of Life!

FMC fi Yuunivarsiitiin Bulee Horaa waloon hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Guraandhala 21, 2017 (FMC) – Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii fi Yuunivarsiitiin Bulee Horaa waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigalticha Hojii Raawwachiisaan Olaanaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin Obbo Admaasuu Daamxoo fi Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dooktar Birhaanuu Lammaa mallatteessaniiru.

Yuunivarsiitiin Bulee Horaa hojii baruu fi barsisuun dabalata damee Albuudaa fi oomisha bunaa deeggaruuf hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu Dooktar Birhaanuun ibsaniiru.

Yuunivarsiitichi Sirna Gadaa, Dhaabbata Barnoota Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanirratti galma’e beeksisuuf sirna barnootaa bocuun hanga digrii 3ffaatti barsiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Waligaltichi hojiilee Yuunivarsiitichi hojjetu kara Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniin ummata biraan ga’uuf kan dandeesisuu ta’uun ibsameera.

Haayilamaariyaam Taganyitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.