Odeeffannoo bu’uureessuun walhubannoo uumuu fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojiin hojjetame milkaa’aadha jedhame
Finfinnee, Guraandhala 26, 2017 (FMC) –Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa waltajjii fooramii waloo miidiyaalee Afaan Oromoo fi Quunnamtii Uummataa waliin gaggeessaa jira.
Waltajjiicharratti haasawaa kan taasisan hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan, Fooramiin quunnamtii uummataa fi miidiyaalee Afaan Oromoo odeeffannoo bu’uureessuun walhubannoo uumuu fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojiin hojjetame milkaa’aa ta’uu ibsaniiru.
Fooramichi odeeffannoo naannichaa waaltessuun dhugaa Oromoo ragaan deeggaree dhiyeessuu, seenessa waloo ijaaruu, injifannoo balballoomsuu fi odeeffannoo sobaaf maqa balleessii qolachuun guddummaa Oromoo fi Itiyoophiyaa mul’isuuf hojjechaa kan jiru ta’uu himaniiru.
Hoggantoonnii fi ogeeyyiin miidiyaalee seenessa qeenxee madda wal dhabiinsaa qolachuun seenessa waloo ijaaruu, injifannoo bu’uureessuu fi dhugaa uummataa ifa baasuun fayyadamummaan uummataa akka mirkanaa’uuf dhuunfaa fi waloon hojjechuun galma guddaa akka ta’es kaasaniiru.
Waltajjii waloo kanaanis raawwii Kominikeeshinii fi miidiyaalee qorachuun ciminoota bu’uureessuu, hanqinoota maksuu fi kallattiin imala jalqabame itti fufsiisuuf kan akeekamu ta’uu Obbo Hayiluun himuu ragaan BKO irra argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia