Fooramiin Itiyoo-Chaayinaa carraalee invastimantii Itiyoophiyaa beeksisuuf kayyeffate gaggeeffame
Finfinnee, Guraandhala 7, 2017 (FMC)- Fooramiin Itiyoo-Chaayinaa carraalee invastimantii, daldalaa fi tuuriizimii Itiyoophiyaa beeksisuuf kaayyeffate Chaayinaa Magaalaa Shaanaayitti gaggeeffameera.
Fooramicharratti Chaayinaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Tafarraa Darriboo haasawaa taasisaniin, hariiroo dippiloomaasii gama hundaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa gidduu cimaa dhufuu eeranii, hariiroo kanas daran cimsuuf Itiyoophiyaan kutannoon kan hojjettu ta’uu kaasaniiru.
Damee diinagdeen hariiroo biyyoota lameen gidduu jiru cimsuuf haala mijataa Itiyoophiyaan qabduu fi fooramii invastimantii fi daldalaa baatii Caamsaa dhufu Finfinneetti geggeessuuf qophiilee duraa taasifamaa jirurratti ibsa kennaniiru.
Ambaasaaddar Tafarraa Darriboon fooramichaan cinaatti hoggantoota dhaabbilee Chaayinaa dameewwan garaagaraarratti bobba’an waliin mari’achuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia