Fooyya’iinsi seeraa gaggeeffame kabaja mirga namoomaa fi ijaarsa sirna diimokiraasiif bu’uura kaa’eera – Haannaa Ari’aayyasillaasee
Finfinnee, Amajjii 17, 2017(FMC) – Haaromsaan booda fooyya’iinsi seeraa gaggeeffame kabajama mirga namoomaa fi ijaarsa sirna diimokiraasiif bu’uura guddaa kaa’uu Ministirri Haqaa Haannaa Ari’aayyasillaaseen ibsan.
Ministirittiin hojiiwwan waggoottan jijjiiramaa keessa hojjetamanii fi bu’aalee galmaa’an ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Heera Mootummaa fi sirna Heera Mootummaa kabachiisuu, olaantummaan seeraa biyyattii keessatti akka dagaagu gochuu, seera yakkaa kabachiisuu fi raawwachiisuu akkasumas bu’aa seera hariiroo mootummaa fi uummataa kabachiisuurratti itti gaafatamummaa gurguddaa kennamaniif ba’achaa akka jirus himaniiru.
Gama sirna haqaan jijjiiramoota bu’uuraa dhufan hordofuun milkaa’inoota galmaa’anis ibsaniiru.
Bu’aalee kanneen keessaa fooyya’iinsi seeraa fi dhaabbatummaa gaggeeffamuu eeranii, kanaanis seerota mirga namoomaa daangeessuun madda komii hawaasaa ta’a adda baasuun kan fooyyeffaman ta’uus dubbataniiru.
Dirree diimokiraasii bal’isuuf seerota barbaachisoo battalan adda baasuun fooyya’iinsi bal’aan raawwatameeras jedhan.
Hidhaan seera daldalaas bifa haaraan qophaa’ee bahuu fi kunis waggoota 50f hojiirra kan turee fi haala daldalaa fi invastimeentii ammayyaa ilaacha keessa kan hingalchin kan ture hambisuu isaa ibsan.
Ammas fooyya’iinsiwwan seeraa adda addaa hojiirra ooluuf akka jiran kan dubbatan Aadde Haannaan , qaawwota karaalee hedduu turan kan cufuu ta’uu eeraniiru.
Yakkawwan dinagdee irratti raawwataman ilaachisees argannoowwan odiittii bu’uureffachuu fi hojii qulqulleessuu adda addaa irratti hundaa’uun yakkoota seeraa akka malaammaltummaafaa irratti qaamoleen hirmaannaa qaban akka seeraan gaafataman hojiileen hedduun hojjetamuu dubbataniiru.
#Oromiyaa #Ethiopia