Fana: At a Speed of Life!

Fooyyeessi Diinagdee Gooroo Daldala alaaf shoora olaanaa gumaachaa jira-Dooktar Kaasahuun Goofee

Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) –Hojirra oolmaan riifoormii diinagdee gooroo baatiiwwan saglan darbanii daldala alaaf gumaacha taasisuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen ibsan.

Gamaaggamni raawwii karooraa baatiiwwan saglan darbanii bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Dooktar Kaasahuun fooyyeessi diinagdee gooroo jijjiirama qabatamaa akka fiduuf naannawaa daldalaatti dorgomtummaa uumuu fi tajaajilli saffisaa diriirfamuu ibsaniiru.

Baatiiwwan saglan darban lammiilee miiliyona 2fi kuma 600’f tajaajilli eeyyama daldalaa haaraa fi haaromsaa kennamuu kaasaniiru.

Kunis bara darbee yeroo walfakkaataan yoo madaalame kuma 600 caalmaa qabaachuu ibsaniiru.

Daldalaa alaan galiin olaanaan argamuu ibsuun, kanaafis fooyyeessi diinagdee gooroo humna guddaa uumuu dubbataniiru.

Dhiyeessii fi qulqullina oomishaa fooyyeessuun akkasumas dhaqabummaa babal’isuun qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuufi dorgomtummaa dame daldalaa guddisuun bu’aan gaariin argamuu eeraniiru.

Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa akka taatuuf tattaaffiin taasifamu akka galma ga’uuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.