Fana: At a Speed of Life!

Fooyyessi diinagdee gooroo indaastiriiwwan Itiyoo Injinariingi Giruuppi fayyadamoo taasisuun ibsame

Finfinnee, Guraandhala 27, 2017 (FMC)- Fooyyessi diinagdee gooroo indaastiriiwwan Itiyoo Injinariingi Giruuppi bu’aa qabeeyyii taasisuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Giruuppichaa Ambaasaaddar Suleeymaan Daddafoo ibsan.

Moggaafama irraa eegalee Korporeeshinii Sibiilaafi Injinariingii duraanii fooyyessuun gurmaa’iinsi haaraan hojimaatota badaa maqse uumamuu ibsaniiru.

 

Waggoottan darban indaastiriiwwan maashinaroota ittisaa, konistiraakshinii, qonnaa fi kanneen biroo oomishan dameewwan 9’tti gurmeessuun jijjiiramni bu’aa qabeessi Itiyoo- Injinariingi Giruuppi uume argamuu eeraniiru.

Garichi meeshaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun, carraa hojii uumuunii fi ce’umsa teekinooloojii saffisiisuun ergama waraaqsa indaastirii Itiyoophiyaa  saffisiisuu ba’achaa jira jedhan.

 

Indaastiriiwwan kisaaraa Birrii biiliyoona hedduu keessummessaa turan gara hojiitti galchuun bu’aa galmeessisuu eegaluus yaadachiisaniiru.

Dhiyeessiin sharafa alaa fi meeshaalee dheedhii qormaatilee  akka turan yaadachiisuun, fooyyessii diinagdee gooroo taasifamuun rakkinicha furuun gara oomishtummaatti akka ce’an gargaareera jedhan.

Dhaabbilee faayinaansiirraa sharafni alaa gahaan waan argameef Indaastiriin Oomishaa Maashinarii Qonnaa Adaamaa haala guutuu ta’een gara adeemsa oomishaatti seenuu ibsaniiru.

Indaastiriiwwan Oomishaa Awutoomootiivii Bishooftuu fi Indaastiriin Konistiraakshinii Dabra Birhaanis haala guutuu ta’een gara oomishaatti galuu eeruu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.