Gaanfa Afrikaatti Konfiraansiin guddina Daldalaa gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Amajjii 13, 2017 (FMC) – Gaanfa Afrikaatti sirna Daldalaa fi Loojistiiksii fooyyeessuu fi jijjiiruuf kan dandeessisu Konfiraansiin Guddina Daldala gaggeeffamaa jira.
Konfiraansiin kun hariiroo Daldalaa Itiyoophiyaa,Jibuutii fi biyyoota naannawichaa gidduu jiru guddisuuf kan dandeessisu ta’uu eerameera.
Guddina waloo galmeessuu fi Daldalaa fi Loojistiiksii babal’isuuf qooda olaanaa qabaachuus himameera.
Diinagdee Itiyoophiyaa tumsuu fi gaaffilee naannawichaa guutuuf Koriidarii Itiyoo – Jiibuutii guddisuun barbaachisaa ta’uu Pireezidaantiin Waldaalee Damee Loojistiiksii Itiyoophiyaa Eelsaabeet Geetahuun himaniiru.
Hoggantoonni olaanaan Mootummaa Itiyoophiyaa fi Jiibuutii, Hoggantoonni damee Daldalaa, akkasumas ergitootaa fi galchitoota dabalatee ogeeyyiin damichaa Konfiraansicharratti argamuun eerameera.
Taammiraat Dalaliitu gabaase.