Gahee dubartoonniifi dargaggoonni ijaarsa nageenyaa keessatti qaban cimsuuf hojjetamaa jira- Dooktar Ergoogee Tasfaayee
Finfinnee, Ebla 2, 2017 (FMC) – Gahee dubartoonni, dargaggoonniifi kutaaleen hawaasaa saaxilamoon ijaarsa nageenya biyyaa keessatti qaban cimsuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen ibsan.
Piroojektiin “Nageenya Shaakalaa Nagaan Jiraadhaa” jedhu ifoomeera.
Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa dubartoota, dargaggootaafi kutaalee hawaasaa saaxilamoo adeemsa ijaarsa nageenyaa keessatti akka hirmaataniif hojjechaa jiraachuu Dooktar Ergoogeen ibsaniiru.
Hojiileen hariiroo hawaasummaa cimsan hojjetamaa jiraachuus eeranii, piroojektiin kun daa’imman, dubartoota, dargaggootaafi kutaalee hawaasaa saaxilamoo kan hammate, nageenya biyyaalessaa cimaa ijaaruuf dandeettii dabalataa akka uumu himaniiru.
Piroojektichi walta’iinsa dhaabbilee SOS, Faawundeeshinii Sirna Uummataa Jarmaniifi PHE Itiyoophiyaan naannolee Oromiyaa, Afaariifi Somaaleetti hojiirra kan oolu yoo ta’u, waggoota sadiif tura jedhame.
Gamtaan Awurooppaa baasii piroojektichaa kan uwwisu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.