Fana: At a Speed of Life!

Gahumsa Konkolaachistoota fe’umsaa fi deddeebisa uummataa madaaluuf qophiin taasifamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 9, 2017(FMC) – Balaa Tiraafikaa ittisuuf gahumsa Konkolaachistoota meeshaalee fi uummata geejjibanii madaaluuf qophiirra akka jiru Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii beeksise.

Ministeerichi Ministeera Hojiifi Ogummaa  fi dhaabbilee biroo waliin ta’uun gahumsa konkolaachistootaa madaaluuf qophii irra akka jiru ibseera.

Balaa tiraafikaa ittisuuf sanadni gahumsa Konkolaachistoota geejjiba uummataafi fe’umsaa madaaluuf dandeessisu qophaa’aa akka jiru Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Bari’oo Hasan eeraniiru.

Madaalliin gahumsaa kun sadarkaa sadarkaan qoqqoodamee kan kennamu ta’uu eeruun, marsaa jalqabaan gahumsa konkolaachistoota konkolaattota qaxxaamura biyyaafi konkolaachistoota fe’umsaa daangaa qaxxaamuranii madaaluuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Konkolaachistoonni iddoo jiranii madaallii kanaaf haala kamiin galmaahuu fi leenjii haaromsaa fudhachuu haala danda’an irratti dhaabbata siiystamicha misoomse ‘SDS’ waliin mariin taasifamuu himaniiru.

Hojiimaata kana hojiirra oolchuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariin kan taasifamu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.