Galiin waggaa Geejjiba Galaanaafi Loojistiksii Birrii biiliyoona 48 gahe
Finfinnee, Ebla 3, 2017(FMC)- Hojiilee fooyya’iinsaa waggoottan jijjiiramaa hojjetamaniin galiin waggaa Geejjiba Galaanaafi Loojistiksii Birrii biiliyoona 17 irraa Birrii biiliyoona 48 gahuu ibsame.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Geejjiba Galaanaafi Loojistiksii Dooktar Bariisoo Amaloon, jijjiirama biyyaalessaan dura damichi deeggarsa imaammataa gahaa kan hin qabneefi rakkoo keessa kan ture ta’uu yaadachiisaniiru.
Imaammanniifi tarsiimoon hojimaata dhaabbatichaa si’eessuu dandeessisan hojiirra ooluun bu’aa galmaa’eef shoora olaanaa bahachuu eeraniiru.
Fooyya’iinsa diinagdee jijjiirama biyyaalessaa hordofee hojiirra ooleen kaawunsiliin loojistiksii biyyaalessaa hundaa’uu yaadachiisuun, imaammanniifi tarsiimoon hojimaata dhaabbatichaa si’eessuu dandeessisan hojiirra ooluu dubbataniiru.
Hojiileen jijjiiramaa fooyya’iinsa diinagdee biyyaalessaan hojiirra oolan dhaabbatichi kisaaraa keessaa bahee bu’aa qabeessa akka ta’u gochuu ibsaniiru.
Dhaabbatichi buufataalee 350’n tajaajila geejjibaafi loojistiksii kennaa jiraachuu kaasanii, galiin waggaa isaa Birrii biiliyoona 17 irraa gara Birrii biiliyoona 48’tti guddachuu himaniiru jechuun TOI gabaaseera.