Gamaaggamni raawwii Paartii Badhaadhinaa oolmaa guyyaa 2ffaa itti fufe
Finfinnee, Guraandhala 28, 2017 (FMC) – Waltajjiin gamaaggama raawwii Hojii baatiiwwan jahan darbanii Paartii Badhaadhinaa oolmaa guyyaa 2ffaa har’as itti fufee geggeeffamaa jiraachuun ibsame.
Gamaaggamicharratti Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah dabalatee Hoggantoonni Waajjira Muummee Paartichaa fi Waajjira Damee Naannoolee hundaa argamaniiru.
Haala siyaasaa biyyaalessaa, ijaarsa paartii cimaa milkeessuuf hojiileen qindoomina Paartii fi mootummaan hojjetaman, carraa hojii uumuun, qalaa’iinsa jireenyaa waliin walqabatee rakkoolee furamanii fi eeggatummaarraa ba’uuf hojiileen hojjetaman kan gamaaggamaman ta’uu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.