Gamtaan Awurooppaa Itiyoophiyaaf Yuuroo miiliyoona 3 deeggarsa taasise
Finfinnee, Ebla 3, 2017 (FMC) – Gamtaan Awurooppaa Itiyoophiyaaf Yuuroo miiliyoona 3 deeggarsa taasisuu beeksise.
Deeggarsichi sirna kenniinsa tajaajila deeggarsa seeraa cimsuufi waliin gahiinsa isaa babal’isuuf kan oolu jedhame.
Deeggarsi kun hojii giddugaloonni deeggarsa seeraa Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaafi Yuuniivarsiitiiwwan keessatti hojjetan kan cimsu ta’uus ragaan gamticharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia