Gara Invastimantiitti ce’uuf mul’ata horannee hojjechaa jirra – Dargaggoota K/M Sulultaa
Finfinnee, Guraandhala 25, 2017 (FMC) – Kutaa Magaalaa Sulultaatti qonna magaalaa ammayyeessuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf inisheetiiviiwwan misooma qonnaa sirnaan hojiirra oolaa jiraachuun ibsameera.
Dargaggoonni Yuuniversiitiwwan, Koollejjotaa fi dhaabbilee barnootaa olaanoo adda addaarrraa eebbifaman hedduun gurmaa’uun horsiisa lukkuu, loon Aannanii fi furdisarratti bobba’an hojii dhabdummaarraa gara carraa hojii uumuutti ce’uu danda’aniiru.
Kana dura hojii dhabaa ta’uun dhiibbaa fi rakkoo keessa turuu kan himan dargaggoonni Aanaa Abbaa Gadaa fi Wasarbiitti hojii misooma beelladaarratti gurmaa’anii hojjechaa jiran, amma gara invastimantiitti ce’uuf mul’ata horannee hojjechaa jirra jedhan.
Hojii eegallee yeroo gabaabaa keessatti bu’aa argachuu jalqabne kan jedhan dargaggoonni kunneen, caalmaatti bu’aa qabeessa ta’uuf rakkooleen dhiyeessa bu’uuraalee misoomaa furamuufii akka qaban gaafataniiru.
Loon sanyii fooyya’oo fi haala qilleensaa naannawichaatti madaquun oomisha gahaa kennuu danda’an dargaggoota kanneeniif dhiyaachuu fi ammatti haalli gaariin jiraachuu Waajjira Qonnaa Aanaa Abbaa Gadaatti Abbaan Adeemsa Eegumsa Fayyaa Beelladaa Dooktar Fiqiruu Shifarraan himaniiru.
Deeggarsi ogummaa walirraa hin cinne kennamaa akka jirus kaasaniiru.
Kutaa Magaalaa Sulultaatti Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Abbaa Gadaa Obbo Girmaa Tolasaan gama isaaniin dargaggoonni gurmaa’anii hojjechaa jiran bu’aa qabeessa akka ta’aniif hojiin walitti hidhamiinsa gabaa uumuu qaama dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Hojiin Inisheetiivii misooma qonnaa akkaataa wabii nyaataa mirkaneessuu danda’uun qorannoo fi qo’annoon kan eegalame akka ta’eefi dargaggoonni kunneen ji’aan giddugaleessaan galii hanga Birrii kuma 300 argachaa jiraachuu eeraniiru.
Haala mijataa jiru Saayinsiin deeggaruun hojiileen misooma Qonna Magaalaa jajjaboon birmadummaa nyaataa mirkaneessuu danda’an hojjetamaa akka jiran Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa kutaa Magaalichaa Obbo Daani’eel Girmaan ibsaniiru.
Jalqabbiin amma jiru gaarii yoo ta’u, hojii carraa jiru madaalu hojjechuuf bifa addaan itti deemamaa jiraachuu ibsan.
Inisheetiiviiwwan misooma qonnaa garaagaraa hojiirra oolchuun magaalaa oomisha qonnaa bitu osoo hin taane kan oomisha qonnaa gabaaf dhiyeessu uumuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Itti Aantuun Bulchaa Kutaa Magaalaa Sulultaa Aadde Waziiraa Jamaal ibsaniiru.
Akka magaalichaatti inisheetiiviiwwan Misooma Beelladdaa, Jallisii, Maaddii Guutuu, Badhaadhinaa Maatii fi Nyaata Koo Boroo kootti jedhaman sirnaan hojiirra ooluu himaniiru.
Misooma beelladdaarratti kilaasteroota 372 ijaaruuf karoorfamee hanga ammaatti 371 raawwatamuu himaniiru.
Keessattuu misooma Aannanii, Furdisa Loonii, Horsiisa Lukkuu fi Booyyeerratti bifa addaan hojjetamaa jira jedhan.
Dargaggoonni gurmaa’uun hojiilee kanneenirratti bobba’an bu’aa qabeessa akka ta’an hojiin hordoffii, deeggarsa ogummaa fi dhiyeessiin galteewwan biroorratti hojjetamaa akka jiru himaniiru.
Keessattuu Kilaastera kanneenitti hojiin bu’uuraalee misoomaa guutuu fi liqaa mijeessuu xiyyeeffannaa guddaan akka kennameef himan.
Dargaggoonni kumni 5 fi 900 waldaalee 371 jalatti gurmaa’uun inisheetiiviiwwan misoomaa qonnaarratti bobba’uu dubbataniiru.
Beelladoonni kumni 1 fi 80 Sheediwwan kanneen keessatti galuu fi Waldaaleen 10 Birrii miiliyoona 33 ol liqaa fudhachuun hojjechaa jirachuus dubbatan.
Waldaaleen biroos liqaa argachuuf adeemsarra jiraachuu kaasaniiru.
Siifan Magarsaa fi Guutaa Owwaataatu gabaase.
#Oromia #Ityoophiyaa