Fana: At a Speed of Life!

Gareen Kubbaa Miilaa Dubartoota Itiyoophiyaa har’a gita isaa Ugaandaa waliin taphata

Finfinnee, Guraandhala 14, 2017 (FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa Biyyaaleessa Itiyoophiyaa har’a gita isaa Ugaandaa waliin tapha gulaallii Waancaa Afrikaa 2026 marsaa jalqabaa ni taphata.

Dorgommii waancaa Kubbaa Miilaa dubartootaa Afrikaa bara 2026 qopheessummaa Moorookoon gaggeeffamuuf taphni gulaallii marsaa jalqabaa biyyoota Afrikaa garaagaraatti ni taphatama.

Luusiiwwan har’a waaree booda sa’aatii 10:00 eegalee Istaadiyeemii Naakiivbuu Hamziitti morkiin taasiisaan ni eegama.

Taphni deebii ammoo Guraandhala 19, 2017 kan taphatamu ta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.