Geggeessaan rakkoolee siyaasaa waliin haa hiikkannu jedhu kan argame yeroo jijjiiramaa kanatti- Dooktar Biqilaa Hurrisaa
Finfinnee, Bitootessa 23, 2017(FMC) – Geggeessaan yeroo jalqabaatiif rakkoolee siyaasaa waliin haa hiikkannu jedhu kan argame yeroo jijjiiramaa kanatti ta’uu Doktar Biqilaa Hurrisaa ibsan.
Doktar Biqilaa Hurrisaan waggaa 7ffaa mootummaaan jijjiiramaa itti dhufe ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, jijjiiramni biyyaalessaa lammiilee gara fuuladuraatti kan baasee fi hirmaannaa isaanii kan guddise ta’uu himan.
Akkasumas garaagartee siyaasaa abbaa fi keessummaa jechuun ture kan adda baase ta’uus ibsan.
Yaadama Itiyoophiyaanonni hundi dhimmi biyyaa isaanii isaan galcha jedhu kan fide ta’uu kan eeran Dooktar Biqilaan, Itiyoophiyaanonni biyya keessas ta’e kutaalee addunyaa addaa addaa irra jiraatan tattaaffii rakkoo siyaasaa biyyattii furuuf godhamu keessatti qooda isaanii akka ba’ataniif kan waamichi itti dhiyaatedha jedhan.
Akkasumas sochii cabiinsa siyaasaa suphuuf geggeeffamu keessatti hirmaattota adda duree akka ta’an wamichi darbe waamicha guddaa ta’uu akeekan.
Lammiileen Itiyoophiyaa baroota dheeraaf ala jiraatan gara biyyaatti deebi’anii akka gurmaa’an, toora siyaasaa isaanii miijatuun akka hiriiran fi guddina biyya isaaniif yaada isaanii akka gumaachaniif waamichi darbuun jijjiirama guddaa ta’uu yaadachiisaniiiru.
Paartileen siyaasaa biyya keessaa fi biyyoota alaa keessa turan gar fuulduraatti dhufanii kan itti gurmaa’an, waajjira banatanii fi yaada isaanii uummataaf dhiyeessuu yeroo itti eegalan ta’uus ibsaniiru.
Kunis seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti jijjiirama guddaadha jedhan.