Giddugalli Konveenshinii idil-addunyaa Addis galii Tuurizimii irraa argamu ni guddisa jedhame
Finfinnee, Guraandhala 25, 2017(FMC) – Giddugalli Konveenshinii idil-addunyaa Addis galii Tuurizimii irraa argamu akka guddisu Ministeerri Tuurizimii beeksiseera.
Ministirri Deetaan Ministeera Tuurizimii Doktar Indaganaa Abbabaa akka dubbatanitti, giddugalichi tajaajila babal’aa kennuu akka danda’utti ijaarame.
Giddugalichi akkaataa yaadameen konfiraansii Tuurizimiif qooda isaa akka gumaachuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Giddugalichi sadarkaa isaa kan eeggate ta’uu hawaasa idil-addunyaaf karaa miidiyaalee adda addaa beeksifamaa jiraachuus eeraniiru.
Giddugalummaa dippilomaasii Magaalaa Finfinnee caalaatti kan guddisu waan ta’eef milkaa’ina tokko ta’uus ibsan.
Solomoon Yittaayyahutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia