Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Leenjii Faanaa Tajaajila kennuu eegale

Finfinnee, Ebla 2, 2017 (FMC) – Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin dameewwan ogummaa beekamtii ittiin argate 4’n leenjii idilee kennuu eegaleera.

Giddugalichi kana dura Gaazexeessummaa, Miidiyaa Kominikeeshinii fi Miidiyaa Teeknooloojiin leenjii fi hojii gorsaa kennaa tureera.

Sagantaa jalqabsiisaa har’a gaggeeffameen giddugalichi Biroodkaasti Joornaaliiziim, Biroodkaast teeknooloojii, Giraafiksii fi Viidiyoo fi Suuraan sadarkaa sartifikeetiin leenjii idilee kennuu eegaleera.

Dhaabbatichi damee miidiyaan muuxannoo kan goonfate ta’uu isaan giddugalicha hundeessuun murteessaa ta’uu Walitti Qabaan Boordii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii Diyaaqoon Daani’eel Kibrat saganticharratti argamuun haasawa taasisaniin himaniiru.

Faanaan ogummaa Raadiyoo, Teeleeviizyiinii fi Miidiyaa Diijitaalan goonfateen giddugala ogummaa banuun idilee leenjiin kennuu qaba jedhan.

Giddugalichi hojjettoota jijjiiramaaf leenjii kan kennu, akkasumas idileen barattoota simatee damee miidiyaan ga’oomsuun itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahuuf kan hojjetu ta’uu eerameera.

Damee miidiyaan giddugala beekumsaa ta’ee kan tajaajilu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin Obbo Admaasuu Daamxoon eeraniiru.

Giddugalichi akka dhugoomu qaamolee qooda qaban hunda galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.