Godaantoonni 287 keeniyaarraa gara biyyaatti deebi’an
Finfinnee, Guraandhala 26, 2017 (FMC)– Godaantoonni seeraan alaa 287 Keeniyaarraa gara biyyaatti deebi’aniiru.
Lammiileen 287 faddaaltoota seeraan alaan gowwoonfamanii gara Afrikaa kibbaatti ce’uuf osoo yaalanii Poolisii Keeniyaan to’anna seeraa jala oolfamanii turuun ibsameera.
Keeniyaatti Embaasiin Itiyoophiyaa Biiroo Qorannoo Yakkaa fi Biiroo Immigireeshinii Keeniyaa fi Poolisii Biyyaalessaa keeniyaa waliin ta’uun lammiilee kunneen gara biyyaatti akka deebi’an taasifamuu eerameera.
lammiileen kunneen kara daangaa Mooyaaleen gara biyyaatti deebi’uu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.