Fana: At a Speed of Life!

Godaantoonni Seeraan Alaa 95 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Guraandhala 11, 2017 (FMC)- Godaantoonni Seeraan alaa 95 gara biyyaatti deebi’uu Jibuutiitti Embaasiin Itiyoophiyaa beeksise.

Embaasichi Dhaabbata Godaantoota Idil Addunyaa waliin ta’uun Lammiileen kanneen gara biyyaatti deebisuu ibseera.

Embaasichi Godaansi seeran alaa namoota hedduu lubbuu galaafachaa jiraachuu ibsuun, lammiileen gocha kanarraa akka of qusatan waamicha dhiyeessuu ragaan Embaasichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.