Miidhaa kanaan dura gama siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaan qonnaan bultootarra ga’aa ture hiikuuf hojjetamaa jira – Obbo Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Bitootessa 3, 2013 (FBC) –Godina Addaa Oromiyaa naannawwaa Finfinneetti qonnaan bultoota adda duree, dubartoota fi dargaggoota waldaa mana jireenyaan gurma’anii sagantaan kaartaa mana jireenyaa fi iddoo laachuun gaggeeffameera.
Godinichatti qonnaan bultoota adda duree, dubartoota fi dargaggoota waldaa mana jireenyaan gurma’an kuma 5 fi 794 kaartaa fi iddoon mana jireenyaa ni kennama jedhame.
Sagantaa kana irrattis Preezdaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Itti aantuu preezdaantii fi Qindeessituu Kilaastera misooma magaaloota Oromiyaa Aadde Caaltuu Saanii fi Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa naannoo Oromiyaa fi Godina Addaa Oromiyaa naannawwaa Finfinnee argamaniiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa miidhaa kanaan dura gama siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaan qonnaan bultootarra ga’aa ture hiikuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Shimallis himaniiru.
Sirnoota kana duraan qonnaan bultoonni sababoota garaagaraan lafa isaanii saamamuun rakkoo adda addaaf saaxilamaa turuu Preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.
Yeroo ammaa garuu qonnaan bultoonni karaa seera qabeessan gurmaa’anii lafa mana jireenyaa akka argatan taasiifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Jijjiiramni biyyattii keessatti gaggeefamuu kamiiyyu qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa kan hirmaachisee ta’uu qaba jedhan
Tizzitaa Dassaalenyitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.