Fana: At a Speed of Life!

Godinni Arsii Lixaa godina poteenshaala misoomaafi carraalee hedduu qabuudha – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 18, 2017(FMC) – Pireezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Godinni Arsii Lixaa godina poteenshaala misoomaafi carraalee hedduu qabu ta’uu ibsaniiru.

Gandoota magaalaafi baadiyyaa Godina Arsii Lixaatti argamuun daawwannaa haalaa sochii misoomaa taasisnerra jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Daawwannaa kanaan, gandoota godinichaa aanaalee Gadab Hasaasaa, Dodolaa, Koofalee, Arsii Nageellee, akkasumas Bulchiinsa Magaalaa Dodolaafi Bulchiinsa Magaalaa Shaashammanneetti argamuun hojiilee misoomaa garagaraa ilaallee jirra.

Bu’uuruma kanaan, inisheetivoota misooma qamadii bonee, horsiisafi furdisa loonii, horsiisa lukkuu, Mana Murtii Aadaa, gurmaa’insa caasaa gandaa, Mana Barnootaa Ifa Boruu Sadarkaa Lammaffaa Bultii Addaa Dodolaa, Misooma Kooriidara Magaalaafi sochiilee misoomaa biroo baldhinaan ilaaluu dandeenyeerra jedhan.

Jalqabbiiwwan gaggaarii yeroo amma gandoota godinichaa daawwanne keessatti muldhatan kanneen gandoota hunda keessatti waliin gahuu, idileessuufi omishaafi qulqullina dabaluu akkasumas qusannaafi invastimantii irratti daran hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubatamuu akka qabu eeraniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, imaammata, tarsiimoofi inisheetivoota qabeenya namaa olaanaa, lafaafi “agro-ecology” baldhaa, argama tarsiima’aafi bishaan gannaafi bona yaa’u giddugaleessa taasise qabatee hawaasa keenya gama hundaan ceesisuuf halkaniif guyyaa kan socho’u ta’uu kaasaniiru.

Galmoonni cehumsaa kanniin hanga milkaa’anittis, akkuma armaan duraa, adeemsa pirojektootafi inisheetivootaa akkasumas haala waliigalaa irratti ummata baldhaafi caasaa gadii waliin yeroo yerootti quba walqabaachaa kan socho’a jedhan.

Walumaagalatti, daawwannaa kanaan dheebuu misoomaafi abdii ummanni keenya nurraa qabu akkasumas sochii misoomaa jajjabeessaa kan agarre ta’us, sadarkaan misoomaa mirkanaa’e garuu carraafi pooteenshaala misoomaa gandoonni godinichaa qabanii gadi ta’uu hubannee xiiqidhaan socho’uu qabna.

Gama kanaan, hoggansi sadarkaan jiru hundi, aadaa hojiifi qusannaa akkasumas invastimantii hawaasa baadiyyaafi magaalaa gabbisuufi babaldhisuun imala gara bu’uura badhaadhinaa kaa’uuf taasifnu ariifachiisun hoj-manee fuuldura keenya jiru ta’uu cimsee hubachiisuun barbaada jedhan.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.