Fana: At a Speed of Life!

Guddina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Bitootessa 21, 2017 (FMC) – Guddina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf xiyyeeffannoofi tumsaan hojjechuun barbaachisaa akka ta’e kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1,446ffaa sababeeffachuun dargaggoota hojii misooma kooridarii magaalichaarratti hirmaataniif maaddii qoodaniiru.

Karoora guddinaafi badhaadhinaa Itiyoophiyaa qabame milkeessuuf walitti fufiinsaan tumsaafi kutannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Guyyoota ayyaanaa dabalatee boqonnaa malee hojjetamaa jiraachuu kaasanii, kanaaf ammoo dargaggoonni hojii misooma kooridarii irratti hirmaatan fakkeenya ta’uu himaniiru.

Guddina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf sa’aatii 24 hojjechuutu nurraa eegama kan jedhan Aadde Adaanech, dargaggoonni hojii isaanii cimsanii akka itti fufan hubachiisaniiru.

Hanga Itiyoophiyaan badhaatutti boqonnaa hin qabnu jedhaniiru.

Taammiraat Dalaliitu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.