Guddinni Itiyoophiyaan galmeessisaa jirtu miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa akka taatuuf karra kan banudha-Dooktar Kaasahuun Goofee
Finfinnee, Guraandhala 10, 2017 (FMC)- Guddinni Diinagdee Itiyoophiyaan galmeessisaa jirtu miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa akka taatuuf karra kan banuudha jedhan Ministirri Ministeeraa Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Goofee ibsaniiru.
Dooktar Kaasahuun, koree haalaa mijeessituu biroo waliin ta’uun Daayrektara Olaanaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Nigooz Okoonjoo waliin mari’ataniiru.
Itiyoophiyaan guddina diinagdee galmeessaa jirtu haaromsa diinagdee mandhaleef gumaacha olaanaa taasisuu kan dubbatan Dooktar Kaasahuun, kunis Itiyoophiyaan waggoota lamaa hinguunne keessatti miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa akka taatuuf gumaachi isaa olaanaa ta’uu himaniiru.
Daayrektarri Olaanaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Nigooz Okoonjii, Itiyoophiyaan investimentiif haala mijataa uumuu kaasanii, Gareen Investimentii Daangootee boqonnaa 2ffaan babal’achaa dhufuun agarsiistuu ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Guddina diingadee qabatamaa Itiyoophiyaan galmeessaa jirtuuf Dhaabbanni Daldalaa Addunyaa deeggarsa taasisuu cimsee kan itti fufu ta’uus ibsaniiru.
Amalawarqi Makuwaanintitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia