Fana: At a Speed of Life!

Guddummaa Oromoo fi sirna gadaa caalmaatti addunyaatti beeksisuuf hojjetamaa jira- Aadde Jamiilaa Simbiruu 

Finfinnee, Guraandhala 30, 2017(FMC) – Guddummaa Oromoo fi sirna gadaa caalmaatti addunyaatti beeksisuuf hojjetamaa jiraachuu Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu ibsan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa misooma aadaan seenaafi duudhaa uummataa bakkatti deebisuuf akkasumas caba seenaafi aadaa utubuuf dawaan haaromsa aadaati jechuun hojiilee gurguddaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Gadaan Booranaa haalaafi yeroo bu’uura godhachuun haaromsa gadaa gaggeessaa sirnicha eegee asiin gahuu haasawaa Sagantaa Walharkaa fuudhiinsa baallii Gadaa Booranaa 72ffaa irratti taasisaniin eeraniiru.

Jabaatee har’a gahuu gadaa Oromootiif gaheen gadaa Booranaa akkuma jirutti ta’ee cichoominaafi ciminni abbootii gadaa  Booranaa gahee leencaa waan qabuuf bara baraan yaadachuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Gadaan Booranaa qormaatilee hedduu dandamachaa har’a gahuu kaasaniiru.

Mootummaan guddummaa Oromoo fi sirna gadaa caalmaatti addunyaatti beeksisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Aadaa Oromoo qixa isaaf maluurraan gahuuf haaromsa aadaa ifatti labsee hojiitti hiikuurratti argama jedhaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaatu qindeesse.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.