Fana: At a Speed of Life!

Gufuulee siyaasa quubsumaa darbuun milkaa’inaaleen dippiloomaasii galmaa’aniiru-MDhA

Finfinnee, Amajjii 6, 2017 (FMC)- Gufuulee siyaasa quubsumaa darbuun milkaa’inaaleen dippiloomaasii hedduun galmaa’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ministeerichi raawwii karoora baatiiwwan ja’an darbanii qorateera.

Dippiloomaasii damee hedduu fi gamlameen, faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan eegsisan hojiileen dippiloomaasii milkaa’oon hojjetamuun ibsameera.

Dhimma Karra Galaanaa ajandaa taasisuun fedhii haqa qabeessa fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa hawaasni Idil Addunyaa akka hubatu taasifamuun eerameera.

Itiyoophiyaan hariiroo ollaa gaarii fi hunda galeessaa biyyoota ollaa waliin qabdu akka guddistuuf kan tumsan hojiileen bal’aan gaggeeffamuu gabaasa dhiyaateen ibsamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Itiyoophiyaan miseensa Mana Maree Mirgoota Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii ta’uun filatamuun milkaa’inaalee galmaa’an keessa ta’uun eerameera.

Fuuldurattis miseensaa Mana Maree Nagaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa ta’uuf karoorri bocamuun hojjetamaa jiraachuun ka’eera.

Ministeerichi qabeenya horachuu fi bobbii humna namaa ogummaa bu’uureffate taasisuuf raawwii gaariin galmaa’uun ibsameera.

Ministirri Misteerichaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos, hojiilee riifoormii ministeerchaa hojiirra oolfamaa jiru qorachuun hojiileen hafan baatiiwwan hafanitti kan hojjetaman ta’uu dubbataniiru.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan gama isaaniin, baatiiwwan ja’an darban milkaa’inaaleen dippiloomaasii galma’an qormaata siyaasa quubsumaa hedduu keessa kan darbe ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.