Gurmaa’insa Gandaa cimsuun fayyadamumnaa uummataa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba – Obbo Kaffaaloo Tafarraa
Finfinnee, Ebla 2, 2017 (FMC) – Gurmaa’insa Gandaa cimsuun fayyadamumnaa uummataa mirkaneessuuf gahee olaanaa qabaachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraan ibsan.
Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraan Godina Jimmaa aanaa Noonnoo Beenjaatti sadarkaa hojiirra oolmaan gurmaa’insa gandaa irratti argamu daawwataniiru.
Galmoota imala badhaadhinaa mirkaneessuuf rakkoowwan kenna tajaajilaatiin wal qabatan bu’uuraan furuun murteessaa waan ta’eef ijaarsa Gandaa bu’a qabeessa taasisuuf xiyyeeffannaa guddaan hojjetamaa jiraachuu eeruu ragaan Kominikeeshinii Godina Jimmaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia