Gurmaa’insi caasaa gandaa rakkoolee hawaasaafi nageenyaa fure – Obbo Addisuu Araggaa
Finfinnee, Bitootessa 17, 2017(FMC) – Sadarkaa Pireezidaantii itti aanaatti Qindeessaan Kilaastera Baadiyyaa Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaan Godina Shawaa Bahaa Aanaa Ada’aatti Ganda moodelaa, isheetiiwwan kompostiifi kilaastera horsiisa lukkuu daawwataniiru.
Hojiilee misooma horsiisa Lukkuu, kompostiifi mana gandaa moodelaa Misooma koriidarii baadiyyaa,akkasuma mana murtii aadaafi Qamadii kilaastaraan misoome daawwataniiru.
Godinichatti gandoonni moodelaa 68 ijaaramuun tajaajila kennaa jiraachuu Bulchaan godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoon himaniiru
Gurmaa’insi caasaa gandaa rakkoo hawaasaafi nageenyaa furuu Sadarkaa Pireezidaantii itti aanaatti Qindeessaan Kilaastera Baadiyyaa Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaan daawwannicharratti ibsaniiru.
Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia