Gurmaa’insi gandaa haaraan milkaa’ina hojii qonnaaf gumaacha olaanaa taasisaa jira – Obbo Geetuu Gammaachuu
Finfinnee, Bitootessa 28, 2017 (FMC) – Gurmaa’insi gandaa haaraan milkaa’ina hojii qonnaaf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammaachuun ibsan.
Obbo Geetuu Gammachuun tajaajila gurmaa’iinsa gandaa godina Jimmaa aanaa Limmuu Koossaa daawwataniiru.
Inisheetiiviiwwan qonnaa kanneen akka misooma qamadii, ruuziifi baala shaayii lafa qabsiisuuf gurmaa’iinsi gandaa haraan gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru obbo Geetuun ibsaniiru.
Itti aanaan bulchaa godina Jimmaa obbo Yasuuf Shaaroo gama isaaniin, gurmaa’insa gandaa haaraa cimsuuf hawaasni hirmaannaa taasisaa jiru galateeffataniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia