Gurmaa’insi sadarkaa gandaa rakkoolee nageenyaa furuun komii hawaasaa salphise – Obbo Awwaluu Abdii
Finfinnee, Bitootessa 28, 2017(FMC) – Gurmaa’insi sadarkaa gandaa rakkoolee nageenyaa furuun komii hawaasaa salphisuu Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.
Obbo Awwaluu Abdiin Godina Shawaa Lixaatti Gurmaa’insa Sadarkaa Gandaafi Mana Barumsaa Dirree Guddinaa Sadarkaa 1ffaa daawwataniiru.
Gurmaa’insa sadarkaa gandaan rakkooleen nageenyaa furamuun hojiileen misoomaa lafa qabachuufi komii hawaasaa salphisuu Obbo Awwaluu Abdiin himuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ityoophiyaa