Guyyaan Dhibee Busaa Jimmaatti kabajame
Finfinnee, Ebla 18, 2017 (FMC) – Guyyaan dhibee Busaa addunyaa yeroo 18ffaaf magaalaa Jimmaatti kabajameera.
Guyyichi mata duree “kalaqa haarawaa fi leecalloo walitti qindeessuun kutannoo hunda-galeessaan dhibee busaa haa ittisnu.” Jedhuun kabajameera.
Sirnicharratti Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan, dhibeen busaa dhibee addunyaaf keessaattuu biyyoota Afrikaaf gufuu badhaadhinaa ta’ee fi lubbuu lammiilee hedduu fixe ta’uu ibsaniiru.
Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofesar Natsaannat Warqinaan gamasaaniin akka Oromiyaatti dhibee Busaaf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Bakkewwan saaxilamoo ta’anitti saaphana siree miliyoona 8 ol raabsuun danda’amuu kaasaniiru.
Abdurrahmaan Mahammaditu gabaase.