Guyyoottan shanan itti aanaan keessa hammi Roobaa ga’aan ni jiraata – Inistiityuuticha
Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) – Guyyoottan shanan itti aanaan keessa godinaaleen rooba Arfaasaa argatan rooba hammaa fi uuwwisaan ga’aa ta’e argachuu kan itti fufan ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksisera.
Godinaaleen Rooba waqtii Gannaa argatan illee Rooba salphaa hanga giddu-galeessaa akka qabaataan raageera.
Haalli qilleensaa kun facaasaa waqtii Arfaasaafi qophii lafaa qonna Gannaaf, bishaan dhugaatiifi marga beelladaa fooyyeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himeera.
Hawaasni horsiisee bulaafi qonnaan bulaa jiidhinsa eegamu kanatti haalan fayyadamuu, bakkeewwan haalli mijataan jirutti bishaan roobaa qabachuu, bakkeewwan lolaaf saaxilamoo ta’anitti ammoo of-eeggannoo barbaachisu akka taasiisu Biiroon Qonnaa Oromiyaa dhaameera.
#Oromia #Ethiopia