Haleellaa dubartootarra gahu ajandaa siyaasaaf fayyadamuun gochaa namoomarraa maqeedha – Dooktar Ergoogee Tasfaayee
Finfinnee, Bitootessa 19, 2017 (FMC) –Miidhaa dubartootarra gahu ajandaa siyaasaaf fayyadamuun gochaa namoomarraa maqe ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen beeksisan.
Dooktar Ergoogeen seenaa sobaa Burtukaan Tamasgeen bu’uura godhachuun qindaa’e ka’umsa taasiisuun yaadoota miidiyaalee hawaasummaan tatamsaa’aa jiran ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Haleellaa fi miidhaa dubartootarra gahu ittisuu fi balaaleffachuun gahee qaama hundaa ta’uu ibsaniiru.
Seenessi sobaa Burtukaan Tamasgeenirratti qindaa’uun hojjetame dubartootaa fi daa’imman ilaalchisee odeeffannoo sobaa hawaasa biraan gahuu eeraniiru.
Gochi gochaa namoomarraa maqe kan balaaleffatamuu qabu ta’uu himaniiru.
Haleellaa dubartootarra gahu ittisuun odeeffannoo sirrii fi haala furmaata kennuu danda’uun qofa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Salamoon Bayyanaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia