Hamaas lammiilee uggure guutummaatti yoo gadi hin lakkifne waliigalteen dhukaasa dhaabuu adda cita – Pireezidaanti Tiraampi
Finfinnee, Guraandhala 4, 2017 (FMC) – Hamaas lammiilee Israa’el ugguree ture guutummaatti yoo gadi hin lakkifne waliigalteen dhukaasa dhaabuu adda cituun waraanni kan itti fufu ta’uu Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi ibsan.
Waraannni dhiiga lammiilee hedduu lolaasee fi miliyoonoota ammoo qa’e fi qabeenya isaanirraa buqqise Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’elii fi Hamaas gidduutti taasifameen hamma tokko aara galfii uumuun kan yaadatamuudha.
Waliigalticha hordofee hanga ammaatti lammiileen Filisxeem mana hidhaa turan 566 fi lammiileen Israa’el ugguramanii turan 16 bilisa bahaniiru.
Yaa ta’uutii Hamaas, Israa’eel haaldureewwan waliigaltee hojiitti hiikaa hin jirtu jechuun ugguramtoota gadi lakkisuuf ture tursiisuuf murteessuu beeksiseera.
Kana hordofee Hamaas hanga Sambata duraa dhufuutti lammiilee Israa’el ugguramanii jiran guutummaatti kan gadi hin lakkifne taanaan waliigalteen dhukaasa dhaabuu adda cituun waraanni kan itti fufu ta’uu Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi akeekkachiisaniiru.
Akeekkachiisichi haala jiru caalmaatti hammeessuun ala gatii kan hin qabne ta’uu Dubbii Himaan Hamaas Saamii Abbuu Zuuhiriin deebii akeekkachiisa Tiraampiif kennaniin ibsaniiru.
Hamaas ugguramtoota gadi lakkisuun waraana hamaa as deemu akka hambisu Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomaanii Antooniyoo Guutareez yaadachiisaniiru.
Israa’el gama isheen Hamaas waliigaltee cabseera jechuun Raayyaan Ittisaa biyyattii haala kamiifiyyuu qophii gahaa akka taasiisu ajejuu BBCn gabaaseera.
Hamaas Bara Faranjootaa Onkoloolessa 7, 2023 Israa’el irratti yeroo haleellaa bane namoota 251 butee gara Gaazaatti fudhachuu fi kanneen kuma 1 fi 200 ta’an ammoo ajjeesuun kan yaadatamuudha.
#Oromia #Ethiopia