Hanga ammaatti Gaagurri Ammayyaa kumni 700 fi kumni 92 ol raabsame-BQO
Finfinnee, Amajjii 18, 2017(FMC) –Oromiyaatti inisheetiivii misooma Dammaan gaagura ammayyaa oomishtummaan isaa olaanaa ta’ee miiliyoona 1.5 raaabsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa ibse.
Hanga kurmaana 2ffaatti gaagurri Kumni 700 fi kumni 92 rabsamuu Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Toleeraa Dabalaan ibsaniiru.
Sagantaan agarsiisa misooma Dammaa Godina Shawaa Lixaatti baname.
Naannichatti Dammaa Toonii kuma 100 fi kuma 40 oomishuuf karoorfamee hanga ammaatti tooniin kuma 75 ol oomishamuu Obbo Toleeraan himaniiru.
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataan, Inisheetiiviiwwan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf bocaman qabatamaan hojiirra oolchuurratti hojiin jajjabeessaan hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan BQO irra argame ni mul’isa.