Fana: At a Speed of Life!

Hangafti Phaaphaasotaa Firaansiis boqochuu hordofee Eebbifamoo Abunee Maatiyaas ergaa gaddaa dabarsan

Finfinnee, Ebla 13, 2017 (FMC) – Hangafti Phaaphaasota Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatoolikii Roomaa Firaansiis addunyaa kanarraa du’aan boqochuu hordofee Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa Eebbifamoo Abunee Maatiyaas ergaa gaddaa dabarsaniiru.

Eebbifamoo Abunee Maatiyaas hordoftoota amantaa Kaatoolikii maraaf jajjabina hawwaniiru.

Firaansiis dhibee Daranyoo Sombaa isaan mudateen yaalamaa turuun guyyaa har’aa umrii waggaa 88ffaa isaaniitti dadhabbii addunyaa kanarraa boqochuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.