Fana: At a Speed of Life!

Har’a hojiiwwan ijoo bu’uura sirna daldalaa ammayyaa ta’an ifoomsineerra- Dooktar Kaasahuun Goofee.

Finfinnee, Amajjii 15,2017 (FMC)- Sirna gabaa onlaayinii eegale sirna gabaa oomisha Itiyoophiyaaf bu’uuraa ta’uu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen.

Dooktar Kaasahuun Goofeen gama miidiyaaa hawaasummaa isaaniin, Sirni gabaa haaraan kun dameen daldalaa diinagdee biyya keenyaa keessatti qooda maluf akka fudhatu taasisaa jedhan.

Sirni Gabaa onlaayinii haqummaa kan mirkaneessu yoo ta’u, daldala al-ergii daneessuuf gahumsa guddaa kan uumuu ta’uu ibsaniiru.

Cancala gabaa gabaabsuun sirna namoota giddugaleessa irraa bilisa ta’ee fi oomishtootaa fi daldaltoota kallattiin bakka jiran irraa walqunnamsiisudhas jedhan.

Hawaasa daldalaa fi ummata waliin ta’uun sirna gabaa keenya ammayyeessuun qonnaan bultoonni sirna faayinaansii hunda hammate irraa akka fayyadaman ni gargaara.

Waltajjicharratti Asxaa haaraa gabaa Oomisha Itiyoophiyaa kan yaad-rimee gabaa dijitaalaa qabu ifoomus himaniiru.

Sagantaa biraatiin ijaarsa gamoo gabaa oomishaalee Itiyoophiyaa, abbaa darbii 24 magaalaa Finfinneetti ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’amuu eeraniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.