Hariiroo hawaasa biyyoota ollaa cimsuun hariiroo dippiloomaasii cimsa jedhame
Finfinnee, Ebla 2, 2017 (FMC) – Korri Hawaasa daangaa naannawaa Itiyoophiyaa hirmaachise Yuunivarsiitii Bulee Horaatti taa’amaa jira.
Korri kun mata duree ‘Gahee Hawaasni daangaa naannawaa Itiyoophiyaa jiraatu imaammata dhimma alaa keessatti qaban’ jedhuun taa’amaa jira.
Koricha Yuunivarsiitiin Bulee Horaa, Inistiityuutii Dhimma Alaa fi Inistitiyuutii Riiftii Vaalii waliin kan qopheesse yoo ta’u, hariiroo Hawaasa daangaa biyyoota ollaa Itiyoophiyaa cimsuun, hariiroo dippiloomaasii biyyoota kanneenii akka cimsuuf hojjetamuu qaba jedhame.
Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dooktar Birhaanuu Lammaan, lammiileen naannawa daangaa biyyoota jiraatan sababa argama isaanii fi sochii naannawarra jiruun hariiroo dipplioomaasii biyyaaf murteessaa ta’uu eeran.
Qabeenya albuudaa naannawaa jiru sirnaan fayyadamuu ,sirna daldalaa seera qabeessa ta’e akka jiraatuu fi godaansi seeraan alaa akka dhaabbatuuf hawaasa naannawaaf xiyyeefannoon kennamee hojjetamuu akka qabu himaniiru.
Hawaasni daangaa biyyoota ollaa walitti dhufeenyaa fi hariiroo dhimmoota waloo cimsanirratti waliin hojjetan taanaan rakkooleen armaan dura naannolee daangaatti mul’ataniif furmaata kaa’uun akka danda’amus himameera.
Abbootiin gadaa, aanga’ootni mootummaa naannoo fi bakka buutonni naannolee daangaa Itiyoophiyaa koricharratti argamaniiru.
Baayiluu Baaneetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia