Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo naannawaafi damee hedduun faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf hojjetamaa jira- Dooktar Kaasaahuun Goofee

Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Hariiroo naannawaafi damee hedduun faayidaa Itiyoophiyaa waaraan kabachiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun Goofee.

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Walitti Qabduun Koree Dhaabbii Dhimmoota Daldalaafi Tuurizimii Aadde Ashaa Yaahiyyaafi miseensonni korichaa Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaatti  daawwannaa hojii gaggeessaniiru.

Dooktar Kaasaahuun Goofeen raawwii hojii baatiiwwan 9 darban ministeerichaa irratti koree kanaaf ibsa kennuu miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Fooyya’iinsa hojimaataa damee daldalaarratti taasifameen bu’aaleen diinagdee biyyaaf qooda olaanaa qaban argamuu kaasaniiru.

Baatiiwwan salgan darbanitti daldala al-ergiirraa galiin Doolaarri biiliyoonni 4.5 argamuu eeruun, dhuma waggaa kanaattis galii Doolaara biiliyoona 5 argamsiisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Qulqullina mikaneessuun, hariiroowwan naannawaa fi idil-addunyaan faayidaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Yaadota gaggaarii korichi kennu akka galteetti fudhachuuniifi hanqinoota mul’atan sirreessuun dhuma bara baajataa kanatti raawwii quubsaa galmeessisuuf akka hojjetamu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.