Hawaasa eeggatummaarraa bilisa ta’e horachuuf hundi itti gaafatamummaan hojjechuu qaba – Aadde Caaltuu Saanii
Finfinnee, Ebla 8, 2017 (FMC) – Hawaasa eeggatummaarraa bilisa ta’e horachuufi jijjiirama yeroon barbaadu dhugoomsuuf hundi itti gaafatamummaan hojjechuu akka qabu Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin ibsan.
Ministeerichi raawwii hojii baatiwwan saglan darbanii qorateera.
Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin hojii baatiwwan saglan darban keessa raawwataman ilaalchisee ibsa taasisaaniiru.
Hawaasa eeggatummaarraa bilisa ta’e horachuufi jijjiirama yeroon barbaadu dhugoomsuuf hundi itti gaafatamummaan hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Damee misoomaan biyya cichoomsuun dirqama dhaloota ammaa ta’uu kaasaniiru.
Biyyaa dhiigaan kabajamte dafqaan cichoomsuun murteessaa ta’uu eeruu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.