Indaastiriin Injinariingii Raayyaa Ittisaa hawaasa indaastirii haaraa uumaa jira jedhame
Finfinnee, Guraandhala 27, 2017 (FMC)- Indaastiriin Injinariingii Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa, hawaasni indaastirii haaraan uumamaa akka jiru agarsiistuu ta’uu Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan ibsan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimadii fi hoggantoonni olaanoon mootummaa Korporeeshinii Indaastirii Injinariingii Raayyaa Ittisaatti warshaa oomisha rasaasaa Hoomichoo daawwataniiru.
Daawwannicharratti Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan haasawaa taasisaniin, hawaasni indaastirii haaraan uumamuu dubbataniiru.
Kallattiiwwan guguddoo riifoormii raayyaa ittisaa keessaa hidhannoon ofdanda’uun tokko ta’uu eeruun, yeroo ammaa dandeettiin kun uumamuu ibsaniiru.
Warshaa Oomisha Rasaasaa Hoomichoo sirna diijitaalaa ammayyaa keessa galchuun dhukaatota meeshaalee guguddoo, sasalphaa fi giddugaleessaaf oolan oomishuun eegalamuu eeraniiru.
Dandeettiin indaastirichaan uumame fedhii dhiyeessii biyyattiin ol ta’uu kaasuun, gabaa alaa bu’uureffatee ijaaramuu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia