Hawaasni maallaqa sobaan akka hin gowwoomfamne of eeggannoo gochuu qaba jedhame
Finfinnee, Ebla 9, 2017 (FMC)- Wayita biittaafi gurgurtaa raawwatu hawaasni maallaqa sobaan akka hin gowwoomfamne of eeggannoo gochuu akka qabu Poolisiin Magaalaa Finfinnee hubachiise.
Gochoonni waliin dhahuu tibba ayyaanaa waan dabalaniif hawaasni of eeggannoo taasisuu akka qabu Itti gaafatamaan hariiroo uummataa Poolisii Magaalaa Finfinnee Koomaandar Maarqoos Taaddasaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Ayyaanni Sooma Hiikaa bara kanaa haala ho’aa ta’een akka kabajamuufi hawaasni gochoota yakkaa garaagaraaf akka hin saaxilamneef qophii gahaan taasifamuu eeruun, hawaasnis ofeeggannoo barbaachisaa gochuu akka qabu hubachiisan.
Tibba ayyaanaa shaqaxarratti wantoota garaagaraa makuun warreen gurguran akka jiraachuu malan kaasuun, kana ittisuuf iddoowwan dahoo ta’anitti bittaafi gurgurtaa raawwachuurraa ofqusachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Shaqaxaalee irratti daballii gatii hin malle ittisuuf hordoffiin kan gaggeeffamu ta’uu ibsuun, wayita bittaafi gurgurtaa maallaqa sobaan akka hin gowwoomfamne of eeggannoo taasisuun barbaachisaadha jedhan.
Wayita bittaafi gurgurtaa beelladaa raawwatan filmaata kaffaltii diijitaalaa fayyadamuun filatamaa ta’uus kaasaniiru.
Abeel Niwaayitu gabaase.