Hidhattoonni duraanii kumni 17 fi 400 ol hawaasatti makamaniiru-Komishinicha
Finfinnee, Amajjii 26, 2017 (FMC)-Baatiiwwan ja’an darban hidhattoonni duraanii kumni 17 fi 400 ol leenjii haaromsaa fudhachuun hawaasatti akka makaman taasifamuu Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa beeksise.
Komishinichi raawwii karoora baatiiwwan ja’an darbanii bara baajataa 2017 Magaalaa Bishooftuutti qorateera.
Komishinichi hidhattoota duraanii hiikachiisuu, hawaasatti makuu, deebisanii dandamachiisuu, qabeenya walitti qabuu fi bulchiinsa loojistiksii fi ijaarsa dandeettii dhaabbatummaa ilalchisuun raawwii turerratti bal’inaan mari’atameera.
Baatiiwwan jalqabaa bara baajataa kana boqonna qophii xumuruun gara hojiitti kan gale komishinichi, giddugaloota haaromsaa 10 naannolee Oromiyaa, Tigraay, Amaaraa fi Afaaritti hidhattoota duraanii kuma 17 fi 400 ol adeemsa haaromsaa darbuun hawaasatti akka makaman taasifamuun ibsameera.
Fuulduratti muuxannoowwan gaggaarii babal’isuu fi rakkoolee mudatan sirreessuun hojiileen haaromsaa bu’aa qabeessaa gaggeeffamuu akka qaban akeekamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia