Hidhattoonni Naannoo Amaaraa keessa socho’an gara mariitti akka dhufan haalli mijataan qophaa’e – Komishinicha
Finfinnee, Ebla 3, 2017 (FMC) – Humnoonni Hidhannoonni Naannoo Amaaraa keessa socho’an gara mariitti akka dhufan haalli mijataan qophaa’uu Komishiniin Maree Biyyaalessaa beeksiise.
Qaamoleen hidhannoon naannicha keessa socho’an gara mariitti akka dhufan haalli amansiisaan wabii ta’uu danda’u qophaa’uu himeera.
Qaamoleen kunneen gara mariitti akka dhufan irra deddeebiin waamichi taasifamaafii turuu Komishinarri Komishinii Maree Biyyaalessaa Mulugeetaa Aggoon Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif himaniiru.
Hidhattoonni kunneen waamicha godhameef fudhachuun gara mariitti deebi’uu qabu jedhan.
Rakkoo kamiiyyuu afaan qawween furuuf yaaduun miidhaa fi kisaaraan biyyaa fi lammiileerraan gahu hamaa ta’uu Pireezidaantiin Mana Maree Dhaabbilee Siiviilii Itiyoophiyaa Ahimad Huseen ibsaniiru.
Rakkoolee jiran hunda mariin furuun murteessaa fi karaa sirrii ta’uu kaasaniiru.
Gizaachoow Girmaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia