Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa Adwaa 2ffaa biyyattiin hiyyummaarratti injifannoo goonfatteedha jedhame

Finfinnee, Guraandhala 21, 2017 (FMC) – Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa Adwaa 2ffaa Itiyoophiyaan hiyyummaarratti Injifannoo goonfatte ta’uu Waajjirri Qindeessaa Piroojektii hidhichaa beeksise.
Waajjirichi Guyyaa yaadannoo Injifannoo Adwaa 129ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.
Ijaarsa Hidhichaaf Birrii biiliyoonni 21 hirmaannaa ummataarraa walitti qabamuu waajjirichi ibsa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif ergeen himeera.
Piroojektichi walharkaa fuudhinsa dhalootaan kan argame Adwaa 2ffaa ta’uu hubachiiseera.
Piroojektii Itiyoophiyaanootni, dhalattoonni Itiyoophiyaa fi michuuwwan ishee wareegamaa fi Hirmaannaa cimaan milkeessan ta’uu kaaseera.
Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa ishee akka hin misoomni diinoonni ishee barootaaf gufachiisaa turanis tattaaffii mootummaa fi ummataan waliigalteen biyyoota yaa’ichaa ragga’uun naannawichatti injifannoo olaanaa jaarraa kanaan galmeessuun danda’ameera jedhe.
Ijaarsi piroojektichaa boqonnaa dhumaarra gahus eeruun, ammas hirmaannaan fi tumsi ummataa cimee akka itti fufu gaafateera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.