Himatamtoonni nama dhuunfaa goyyoomsuun Birrii miiliyoona 8 irraa fudhatan hidhaa cimaa waggaa 9’n akka adabaman itti murtaa’e
Finfinnee, Amajjii 30, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti himatamtoonni Lafa Kaaree kuma 2 siif kennina jechuun Birrii miiliyoona 8 nama dhuunfarraa goyyomsuun fudhatan hidhaa cimaa waggaa 9 akka adabaman itti murtaa’uu ibsameera.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataatti Dhaddachi ramaddii 4ffaa dhimmoota Yakka Malaammaltummaa oolmaa isaa har’aan yakka malaammaltummaa cimaan kan himataman Zalaalam Asiraatii fi Zakaariyaas Mulaatuun hidhaa cimaa fi maallaqaan akka adabaman itti murteesseera.
Manni murtichaa yaada adabbii salphisan bitaa mirgaa qorachuun himatamtoonni kunneen hidhaa cimaa waggaa 9 fi Birrii kuma 10 akka adabaman itti murteesseera.
Taarik Addunyaatu.
#Oromia #Ethiopia