Fana: At a Speed of Life!

Hinditti Feestivaalaarratti Taatee mudateen lubbuu lammiilee darbeef Itiyoophiyaan gaddi itti dhagahamuu ibsite

Finfinnee, Amajjii 23, 2017 (FMC) –Hinditti Feestivaala Kuumbi Meelaarratti taatee mudateen lubbuu lammiilee biyyattii darbeef mootummaan Itiyoophiyaa gaddi itti dhagahamuu ibseera.

Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen, Hindi Feestivaalaa Kuumbi meelaarratti baay’ina hirmaattootaarraa kan ka’e wal dhiibuu umameen lubbuu lammiilee darbeef gadda itti dhaga’ame ibseera.

Mootummaa fi ummanni Itiyoophiyaa yeroo rakkinaa kanatti Uummata fi Mootummaa Hindi cinaa kan dhaabbatu ta’uu ibsuun, Ummataa fi Mootummaa biyyattiif jajjabina hawweera.

Taatee uumame kanaan namoota 15 yoo darbu, namoonni hedduun immoo miidhaa qaamaaf saaxilamuu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.